
Gama barnootaatiin aanichi bara mootummoota gonfoo irraa kaasee baay’ee duubatti hafaa kan ture yoo tahu yeroo ammaa kana garuu manneetii barumsaa sad.2ffaa 3, mana barumsaa 1—8tii 46 akkasumas KG 1 dabalatee manneetii barumsaa 50 keessatti barattoota 20,264 barsiisaa jira. Gama haguuggii barnootaatii yoo ilaallu barattoota 26,364 baratuu qaban keessaa barattoota 20,264 barachaa jiraniifi dhaabbilee barnootaa argamuu qabaniin walbira qabnee yoo ilaallu %77 irratti argama.
© 2026 Administratoin of Jille Timuga District | Developed by Nuru Ahmed